.

Kolleejjiii Poolisii Oromiyaa Poolisoota Humna addaa gargaarsa yaala fayyaa duraatin leenjisaa ture eebbisiisee jira.

Leenjifamtoonni kunis ergama dachaa qabaachuu isaanii Daarekterri ol’aanan Kolleejjii Poolisii Oromiyaa Gargaaraa KomoshineraaTolchaa Magarsaa eebbifamtootaf ergaa dabrsaniin, ogummaa dabalataa fudhattan kana amanamummaa fi naamusa hojii kun barbaadun miseensa fi ummata keessan tajaajiluun dirqama dachaa kana bahuu qabdan jedhan.
Keessummaa kabajaa ta’anii sirnicha irratti kan argaman Itt/A/ Komishineraa komishinii Poolisii humna addaa Oromiyaa fi Hoogganaan damee leenjii G/Komishineraa Gannanoo Xibabuu qajeelfama hojii kennaniin Poolisiin ol’aantummaa seeraa fi nageenya naannoo mirkaanessuf dursa fayya qabeessaa ta’uu qaba. Isinis eebbifamtoonni guyyaa har’aa hanqina gama ogeessatiin qabnu furuun miseensota keenyaa tajaajila gahaa akka kennitan jechuun dhaaman. Dhuma irrattis leenjifamtoota qabxii ol’aanaa galmeessisaniif badhaasni kenname jira.
1

 Harargee Lixaa

 

Magaala Shaashamannee

Hawaasaa   

abbadula

 

 

 

Go to top